Itiyoophiyaan riijinichi akka tasgabbaahu deeggarsa taasiftu cimsuu qabdi-Muhaammad Alii Yuusuuf - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan riijinichi akka tasgabbaahu deeggarsa taasiftu cimsuu qabdi-Muhaammad Alii Yuusuuf

Caamsaa 06/2017(TOI)-Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf carraaqqii waloo taasifamu deeggarsashee akka itti fuftu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf dhaaman.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaamud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaa fi mootummoota gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afriiikaatti ergamtuu dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Hirut Zammanee waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.
Mariin taasisan riifoormiiwwan dhaabbilee komishnichaa fi Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan dabalatee nagaa fi tasgabbii qaxanichaarratti kan xiyyeeffate ture.
Itiyoophiyaan hooggansa komishinii gamtaa Afriikaa haaraaf deeggarsa akka gootu ambaasaaddar Hirut ibsaniiru.
Hanqinni maallaqaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa (Awusom) mudate Itiyoophiyaa akka yaddesse ibsaniiru.
Raawwiin waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa harkifataa ta’uu isaa fi tasgabbii biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle akka qabu dubbataniiru.
Sudaaniin walqabatee furmaanni kallattii siyaasaa gamtaa Afriikaa hordofe akka jiraatu shoorri Kanaan dura ture bifa haaraan akka jabeessu gaafataniiru.
Nagaa fi tasgabbiin ajandaawwan ijoo komishinichaa akka ta’e dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yuusuuf himaniiru.
Itiyoophiyaan qooda mana maree nagaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa keessatti qabduun nagaa fi tasgabbii riijinichatti carraaqqiiwwan waloo taasifamaa jiraniif deeggarsa taasisaa jirtu akka itti fuftu dhaamuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa.