Madin Itiyoophiyaan injifachuun adda durummaasaa cimsateera

Caamsaa 05/2017(TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 29ffaan Madin Itiyoophiyaan galchii 2 fi 0’n Faasiila kanamaa mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti waareerratti taphatameen goolii taphataan lammii Yugaandaa daqiiqaa 43 fi 56 irratti galcheen gareen Madin Itiyoophiyaa mo’ateera.

Haala Kanaan adin Itiyoophiyaan qabxii 57n liigicha dursaa jira. Bara dorgommii kanatti yeroo 177ffaaf mo’ateera.

Faasiil kanamaan yeroo 8ffaaf mo’amee qabxii 35n sadarkaa 10ffaa irra jira. Taphoota liigichaa darban shaniin homaa hin mo’anne.

Taphni torbee 29ffaa sa’aatii boodas itti fufeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015