Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti lafti hektaarri kuma 484 ol  Qonna Gannaan Misoomaa jira 

Caamsaa 05/2017(TOI)-Godina Harargee Bahaatti  lafti hektaarri  kuma 484 ol qonna   Gannaan misoomsaa jiraachuu waajjirri  Qonnaa fi Qabeenya  Uumamaa Godinichaa  beeksise.

Wajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa  Godinichaatti  Qindeessan  Hojii  Misooma Midhaanii  obbo  Miidhagsaa Dheeressaa TOI’f akka  ibsanitti, Godinichatti Aanaa 15 keessaati Misooma Gannaan lafti hektaara  484 ol misoomsuun eegaleera.

Kana keessaa lafti hektaara kuma 144 ol ta’u qotamuu ibsuun walii gala Qonna gannaan lafti  hektaarri  kuma 362  Kilaasteraan  Misooma jedhaniiru.

Boqqolloo, Bisingaa, Xaafii, Qamadii, Loozii fi Kanneen Biroon Omishamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Itti fayyadama Teekinooloojii qonnaan bulaadabaluun fi deeggarsa ogeeyyii Qonnaan hamma omishaa hektaaratti argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee  hojjetamaa jiraachuu  beeksisaniiru,

kanaanis  callaa  kuntaala  Miliyeena 11 fi kuma 200  ol  sassaabuuf karoorfamuu ibsuun, kunis omisha bara darbee waliin yeroo madaalamu kuntaala Miiliyoona lamaa ol caalmaa  qabaachuu ibsaniiru.

Xaa’oon kuntaalli kuma 171 ol qotee bulaa qaqqabaa akka jiru ibsameera.  

Godinichatti Qonna Arfaasan lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarr kuma 70 facafamuu Obbo Miidhagsaan beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015