Imaltoota Hajjii fi Umraaf geejjiba qilleensaa si’ataa fi mijataa dhiheessuuf qophii xumureera-Daandii qilleensaa - ENA Afaan Oromoo
Imaltoota Hajjii fi Umraaf geejjiba qilleensaa si’ataa fi mijataa dhiheessuuf qophii xumureera-Daandii qilleensaa
Caamsaa 05/2017(TOI)- Imaltoota Hajjii fi Umraaf geejjiba qilleensaa si’ataa fi mijataa kennuuf qophii xumuruusaa Gareen daandii qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.
Manni maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itiyoophiyaa gumaacha daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imaltoota Hajjii Umraaf waggaa waggaan taasisaa jiruuf galateeffateera.
Imala amantaa hajjii fi umraa barana yeroo 1446f taasifamu ilaalchisuun manni maree walii gala dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa fi gareen daandii qilleensaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru.
Pirezidaantiin mana maree walii gala dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa wayita kana, imalli amantaa Hajjii fi Umraa akka milkaa’u daandiin qilleensaa waggaa waggaan gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Imalli baranaas akka milkaa’u tajaajilli si’ataan akka jiraatu gochuun carraaqqii walitti fufaa agarsiiseef galateeffataniiru.
Hoogganaan olaanaa damee daldalaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Lammaa Yaaddechaa gamasaaniin, daandiin qilleensichaa Musliimota Itiyoophiyaa fi addunyaarraa Saa’ud Arabiyaa dhaqaniif qophii tasiseera jedhan.
Imalli Hajjii fi Umraabarana yeroo 1446f tasifamu boru waareerraa eegalee nideemama.