Fooramii Invasti Itiyoophiyaan walii galteen invastimantii doolara biliyeena 1tuqaa 1 ol akka taassifamu ni’eegama- Komishinar Dr. Zallaqee Tamasgeen - ENA Afaan Oromoo
Fooramii Invasti Itiyoophiyaan walii galteen invastimantii doolara biliyeena 1tuqaa 1 ol akka taassifamu ni’eegama- Komishinar Dr. Zallaqee Tamasgeen

Caamsaa 05/2017(TOI)-Foramii Invast Itiyoophiyaan 2025n waliigalteen investimentii doolara Amerikaa Biliyoona 1 tuqaa 1 ol ni taassifama jedhamee akka eegamu komishinariin komishinii Invastimantii Dr. Zallaqee Tamasgeen ibsan.
Foramiin bizinasii olaanaa Itiyoophiyaatti Invast godhaa 2025 pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee bakka aragamanitti Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Komishinariin Invastimantii Dr. Zallaqaa Tamasgeen turtii TOI waliin taasisaniin waggoottan toorba darban hojiileen riifoormii damee invastimantii jabeessan hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Kanaanis haalli Mijataan Investimentiif uumamuu eeranii, wantoota kanaan dura sektara kanarratti gufuu ta’an maqsuun danda’amuu ibsaniiru.
Foramii Invast Itiyoophiyaa 2025n dhimmoota sadii milkeessuun akka barbaadamu ibsanii, kan calqabaa carraalee jiran beeksisuu ta’uu dubbataniiru.
Lammaffaan Investimentii Haaraa hawachuu, xiyyeeffannoo Mootummaandamichaaf kenne beeksisuu ta’uu himaniiru.
Dabalataan fooramichi kutannoo Itiyoophiyaan qabduu akkasumas Investimentiif mijattuu ta’uushee hubannaa uumudha jedhaniiru.
Sadaffaan Waliigalteewwan Investimentii qabatamaan ta’e fooramicha irraatii kan eegamu ta’uu ibsaniiru.
Pirojektootaa baatiiwwan darban hojettamaa turaniin walii galtee investimentii doolaara biliyoona 1tuqaa 1 ol akka taassifamu eeraniiru..
Foramiin Invast Itiyoophiyaa 2025 qophheessummaa komishinii Invastimantii Itiuyoophiyaa, ministeera maallqaa fi dhaabbilee deeggartoota misoomaan adeemsifamaa ture har’a akka xumuramu eegama.