Manni marichaa labsiiwwanii fi waliigalteewwan garagaraa afur raggaase

Caamsaa 05/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii waliigaltee liqii lama, waliigaltee geejjiba qilleensaa tokkoo fi waliigaltee korporeeshinii faayinaansii Afriikaa hundeessuuf taasifame  raggaaseera.

Manni marichaa walgahii idilee 29ffaa bara hojii waggaa jahaffaa har’a taa’eera.

Wixinee labsii waliigaltee liqii yuuroo miil. 11 fi 500 misooma naannawaa fi dinagdee magariisaaf mootummaa Xaaliyaaniirraa argame fi sagantaa tiraanisfoormeeshinii damee barnootaaf waldaa misoomaa idil addunyaarraa argame doolaara miiliyoona 50 sagalee guutuun raggaafameera.

Akkasumas waliigalteen tajaajila geejjiba qilleensaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Ostiriyaa jidduutti mallatteeffame sagalee guutuun raggafameera.

Akkasumas wixineen labsii waliigaltee korporeeshinii Faayinaansii Afriikaa dhaabuuf taasifame raggaasuuf dhihaate dhorka sagalee sadii fi sagalee caalmaan ragga’eera.

De’eetaan ministira gargaartuu itti waamamtuu mootummaa Masarat Hayilee wixineewwan labsii walii galtee liqii bal’inaan dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015