Afriikaatti dinagdee dijitaalaa ijaaruun, nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun xiyyeeffannoo gamtichaa fuulduraati-Mahaammud Alii Yuusuuf

Caamsaa 05/2017(TOI)-Sagalee Afriikaa addunyaarratti dhageessisuu, dinagdee dijitaalaa kalaqaan deeggarame ijaaruun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun xiyyeeffannoo ijoo gamticha fuulduraa ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ibsan.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf xiyyeeffannoo tarsiimawaa fuulduraa hooggantoota komishinichaa haaraa ilaalchisuun miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaaf ibsaniiru.

Mootummaa karaa heera mootummaan ala jijjiiramuun demokiraasii Ardichaa quucarsuun fedhii Afriikaanonni nagaa fi tasgabbiif qaban balaarra buusaa akka jiran ibsaniiru.

Akka Kanaan nageenya birmaduu biyyoota miseensaa eegsisuun Afriikaa nageenyishee eegamee fi bulchiinsi demokiraasii keessatti dhufe uumuun hojii fuulduraa komishinii gamtichaa ta’uu beeksisaniiru.

Caasaan bulchiinsaa dhaabbilee idil addunyaa “Afriikaa kan qoode, alhaqummaan seena qabeessaan” kan guutame waan ta’eef sirraa’uu akka qabu cimsanii kaasaniiru.

Kanaaf dhageettii Afriikaa guddisuun mana maree nageenyaa dhaabbat mootummootaa fi dhaabbilee biroorratti fooyya’umsi akka taasifamu akka taasifamu  gochuun galma ijoo ta’uun akka hojjetamu ibsaniiru.

Sirna Dinagdee dijitaalaa kalaqaan guutame  ijaaruun guddina dinagdee biyyoota miseensaa si’achiisuun dhimma ijoo xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Mul’anni kun akka milkaa’u dandeettii dargaggootaa fi dubartootaa gabbisuun ijoo ta’uu kaasanii, kanaaf ammoo ministirri dhimma alaa Taanzaaniyaa duraanii gamtaa Afriikaatti ergamaa addaa dubartootaa ta’uun muudamuusaanii beeksisaniiru.

Tumsa dinagdee riijinii Ardichaa cimsuun hojiirra oolmaan imaammat qindaa’aa misooma Afriikaa saffisiisu dhugoomsuuf akka hojjetan kaasaniiru.

Fayyaa ilaalchisuun  Afriikaatti qophii dhukkuba qolachuu fi weeraraaf deebii kennuu jiru cimsuun dandeettii  jiddugala Afriikaatti dhukkuba qolachuu guddisuuf hojjechuun hojii komishinichaa itti aanu ta’uu himaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

#Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015