Dhiheessiin nyaata beelladaa baay’ina lukkuu fi beelladaa maaddii guutuun guddachaa jiruun wal madaalu akka jiraatu hojjetamaa jira

Caamsaa 05/2017 (TOI)- Dhiheessiin nyaata beelladaa baay’ina lukkuu fi beelladaa maaddii guutuun dabalaa jiruun wal madaalu akka jiraatu xiyyeeffannoon taasifamuu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan.

Pirojektoonni bishaan dhugaatii naannoo Affaar aanaa Cifraa tti ijaaraman yenmmuu eebbifaman  nyaata beelladaa ilaalchisuun hojiin hojjetamaa jirus hooggantoota olaanoo federaalaa fi naannoon daawwatameera.

Naannichatti nyaata beelladaa qopheessuudhaan hojiin abdachiisaan jiraachuu hooggantoonni ibsaniiru.

De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa akka ibsanitti, akka biyyaatti  nyaata beelladaa fooyya’anraabsuu fi misoomsuudhaan hojiin hedduun hojjetamaniiru.

Sababa Maaddii guutuun  lakkoofsi beelladaa fi lukkuu dabalaa waan jiruuf nyaanni beelladaa kana madaalu  hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

jiraachii ibsanii,

Nyaata beelladaa naannoo Affaaritti qopheeffamaa jiru wabeeffataniiru de’eetaan ministiraa kun.

Hanqina beekumsaa nyaata beelladaa qopheessuurratti jiru sirreessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannawa qonnaan bulaatti mankuusaa nyaata beelladaa ijaaruurra darbee nyaanni beelladaa osoo hinmanca’iin turuu haala danda’urratti leenjiin kennamaa jira jedhan.

Hoogganaan biiroo beelladaa fi misooma qabeenya Qurxummii naannoo Affaar obbo Ibraahim Mahaammad, sanyii qurxummii bu’ qabeessummaansaanii qorannoon mirkanaa’e dhiheessuun keessumaa dargaggoota loon foonii fi annaniirratti gurmaa’an kan fayyadu ta’uu ibsaniiru.

Nyaanni loonii Kanaan dura hinturre yeroo ammaa heektaar 100 irratti misoomaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Daawwattoonni argamanis nyaata looniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa naannicha aanaalee 11 keessatti hojjetamaa kan jiru nyaanni beelladaa heektaara 300 kan aanaa Dubtiitti hojjetamerraa ka’uun ta’uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015