Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisa- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen - ENA Afaan Oromoo
Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisa- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Caamsaa 05/2017(TOI)- Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuuf tumsa biyyootaa akka barbaachisu daarektar jeneraaliin odeeffannoo fi nageenyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.
Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree “tumsa odeeffannootiin nageenya riijinichaa jabeessuu” jedhuun Finfnneetti taa’amaa jira.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, biyyoonni miseensa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa, gamtaan Afriikaa fi bakka bu’oonni biyyoota garagaraa irraa dhufan saganticharratti argamaniiru.
Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, shororkeessummaan, yakkoonni daangaa qaxxaamuran, haleellaan Saayibarii fi, walitti bu’iinsi yaaddoo riijinichaa ta’uun ittifufaniiru.
Yaaddoon nagaa fi tasgabbii qaxanichatti mul’atan ga’umsaan qolachuuf dhaabbilee nageenyaa biyyootaa odeeffannoo waliiqooduun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kana malees dhaabbiileen tumsa cimaa uumuun nagaa fi tasgabbii qaxanichaa mirkaneessuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Tajaajilichi nagaa fi tasgabbii qaxanichaaf qoodasaa bahaa akka jiru ibsanii, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran biroo qolchuuf riifoormii taasisuusaa ibsaniiru.
Bakka bu’aandura taa’aa komishinii gamtaa Afriikaa fi hoogganaan muummee gamtichaa ambaasaaddar Mohaammad Iil amiin, gamtichi yeroo murteessaa ta’etti nagaa fi tasgabbii riijinichaarratti mari’achaa jira jedhaniiru.
Haleellaa Saayibarii, altasgabbaayuu Siyaasaa fi shororkeessummaa qolachuuf tumsi barbaachisaadha jedhan.
Kanaaf odeeffannoon cimaan biyyoota riijinichaa jidduu jiraachuu jiraachuu akka qabu dubbataniiru.