Dursaan Liigichaa Madin Itiyoophiyaan Faasiik Kanamaa Waliin nitaphata - ENA Afaan Oromoo
Dursaan Liigichaa Madin Itiyoophiyaan Faasiik Kanamaa Waliin nitaphata

Caamsaa 05/2017(TOI)-Sagantaa Piriimer Liigii torbee 29faatiin dursaan Liigichaa Madin Itiyoophiyaan Faasiik Kanamaa Waliin har’a nitaphata.
Gareen lamaan ganama kana sa’aatii 3 fi daqiiqaa 30tti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu.
Itiyoophiyaa Madin qabxii 54n dursaa jira .
Faasiil Kanamaan qabxi 35niin sadarkaa 10ffaa irrattii argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa darban 4’n mo’achuu hindandeenye.
Tapha kana yoo mo’ate daandii injifannootti akka deebi’u isa taasisa.
Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti magaalaan Dirree Dawaa Maqalee 70 Indartaa waliin nitaphatu.
Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 29 fi galchii idaa afuriin sadarkaa 14ffaa irra jira. Maqalee 70 Indartaan morkataa isaa waliin qabxii walfakkaataa yoo qabaatu galchii idaa 10 waan qabuuf qabxii 15 qabachuun sadarkaa gadi bu’aa keessa jira.
Gareewwan yaaddoo gadi bu’uu keessa jiran gareen lamaan mo’achuun isaaniif qabxii murteessaa sadii argachuu jechuudha.
Sagantaan guyyaa har’aa kan xumuraa galgala sa’aatii 12tti Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Walwaalloo Addigiraat Yuunivarsiitiin nitaphatu.
Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxi 38’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Walwaalloo Addigiraat Yuunivarsiitiin qabxii 13’n sadarkaa xumuraa 18ffaa irra jira.