Itiyoophiyaan cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra jirti-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Caamsaa 04/2017(TOI)- Itiyoophiyaan tarkaansiiwwan riifoormii dinagdee taasifteen invastimantii kallattii alaa hawachuun cehumsa caaseffama dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra akka jirtu Pirezidaantiin RDFI  Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Fooramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa 2025 Finfinneetti taa’amuu eegaleera.

Pirezidaantiin RDFI  Taayyee Atsqasillaasee baniinsa foramichaarratti dubbii dubbataniirn, Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan jijjiiramaa hedduu fudhachaa akka jirtu ibsaniiru.

Tarkaanfiiwan riifoormii kunneen guddina ittifufsiisuuf, invastimantii kallattii alaa hawachuu fi cehumsa caaseffamaa milkeessuuf akka dandeessisan dubbataniiru.

Kun ammoo Itiyoophiyaan karaa sirriirratti akka argamtu ishee taasiseera kan jedhan pirezidaantichi, carraan egeree dinagdee Itiyoophiyaa ifaadha jedhaniiru.

Foramichi dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu eeranii, hirmaattonni muuxannoowwan gaggaarii akka waliif qoodan dhaamaniiru.

Itiyoophiyaan invastimantii kallattii alaarraa carraa fooyya’aa argachuuf dhimmoota sadiirratti xiyyeeffachuushee ibsaniiru.

Dameewwan biyya alaaf cufaa ta’anii turan banuuf riifoormii biyyaalessaa taasifame, riifoormii seeraa fi imaammataa fi dameewwan garagaraan invastimantii hawachuun jijjiiramni qabatamaa dhufuu kaasaniiru.

Akkasumas bu’uraaleen misoomaa invastimantiif mijataa ta’anii fi kanneen dameelee dursi kennamuu irratti hojjetaniif fooyyessi hedduun taasifamuu eeraniiru.

Biyyoota guddatan keessatti milkaa’inni dureeyyii biyya alaa wantoota sadii qofaarratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.

Wantoonni sadan kunneen cehumsa teeknooloojii, baakumsi babal’achuu fi walitti hidhata gabaa ta’uu ibsanii, Intarpiraayizoota Itiyoophiyaa xiqqaa fi jiddugaleessaa dhiheessii Ardii fi idil addunyaa waliin qindeessuun akka barbaachisu hubachiisaniru.

Kun ammoo Invastaroonni Invastimantii yeroo dheeraa fi fulla’aa mirkaneessuuf murteessaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015