Hojiiwwan kalaqaa saayinsii fi Teeknooloojii manneen barnootaa Dirree Dawaatti adeemsifaman jabaachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan kalaqaa saayinsii fi Teeknooloojii manneen barnootaa Dirree Dawaatti adeemsifaman jabaachaa jira

Caamsaa 04/2017(TOI)-Hojiiwwan kalaqaa saayinsii fi Teeknooloojii manneen barnootaa bulchiinsa Dirree Dawaatti adeemsifaman jabaatanii akka itti fufan biiroon barnootaa bulchiinsichaa beeksise.
Agarsiifni bu’aalee kalaqaa saayinsii fi teeknooloojii manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa guyyoota sadan darban adeemsifamaa ture goolabameera.
Hoogganaan waajjira barnootaa bulchiinsichaa obbo Sulxaan Aliyyi, barattoonni oladeemtonni kalaqxoonni manneen barnootaa keessatti uumamaa jiru.
Agarsiifni qophaa’e kana kan mul’ise ta’uu eeranii, barattoonni maashinoota alaa galfaman wantoota naannawasaaniitti argamurraa hojjechuun oomishaalee bakka bu’an kalaqanii agarsiisaaf dhiheessuu himaniiru.
Fuulduraaf hojiileen kalaqaa manneen barnootaatti jalqabaman caalaa akka ciman xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Meeshaalee gatamanirraa maashina daabboo tolchuu fi marga haamu kan hojjete barataan kutaa 5ffaa mana barnootaa Guggubaa Ibsaa Se’id, deeggarsi agarsiisa kanarratti nuuf kenname hojii kalaqaan akka itti fufan isaan taasisuusaa dubbateera.
Maashina Daabboo Tolchu kana salphaatti hawaasa biraan gahuun akka danda’amu himeera.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffa fi lammaffaa 40 caalan agarsiisa kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon biiroo barnootaa bulchiinsichaa mul’iseera.