Konfaransiin Ardii bulchiinsa idaa fulla’aa gamtaa Afriikaa taa’amaa jira

Caamsaa 04/2017 (TOI)- Konfaransiin gamtaan Afriikaa bulchiinsa idaa fulla’aa ilaalchisuun qopheesse har’a Toogoo Loomeetti eegalameera.

Konfaransichi mata duree”ajandaa bulchiinsa idaa mootummaa Afriikaa, tarsiimoowwan bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessan hojeessuu” jedhuun taa’amaa jira.

Komishinii gamtaa Afriikaatti komishineriin qonnaa, misooma baadiyyaa, Dinagdee Biluu fi qilleensa naannawaa fulla’aa Moses Viilakatii, barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaaver Gatetee, pirezidaantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Mahimaa, ministiroonni faayinaansii biyyoota Afriikaa, kanneen imaammata baasan, dhaabbileen faayinaansii Afriikaa, hawaasonni dinagdee riijinii fi qooda fudhattoonni biroon sirna baniinsaarratti hirmaataniiru.

Kaayyoon olaanaan Konfaransichaa haala idaa Afriikaa yeroo ammaarratti mari’achuun muuxannoo bulchiinsa idaa biyyootaa walii qooduun fi Idaa ilaalchisee Afriikaan ejjennoo waloo qabachuuf yaada dhiheessuu ta’uu odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa.

Idaa ilaalchisuun riifoormiiwwan taasifamuu qaban ilaalchisees nimari’atama.

Bulchiinsa idaa fulla’aa mirkaneessuun cinaattis madden faayinaansii bal’isuurrattis nimari’atama.

Marii kanarratti bu’uureffachuun bulchiinsa idaa biyyoota Afriikaa, riifoormii sirna faayinaansii addunyaa fi bulchiinsa faayinaansii fulla’aa ilaalchisuun ibsa ejjennoo waloo akka baasan ni’eegama.

Konfaransiin kun amma Caamsaa 6 bara 2017tti nitura.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015