Ogeeyyonni fayyaa ogummaa qabaniin ummata tajaajiluurra darbanii diiga arjoomaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyonni fayyaa ogummaa qabaniin ummata tajaajiluurra darbanii diiga arjoomaa jiru

Caamsaa 04/2017(TOI)- Dirree Dawaa Ogeeyyonni fayyaa Dil Coorraa ogummaa qabaniin hawaasa tajaajiluurra darbanii lubbuu baraaruuf diiga arjoomaniiru.
Ogeeyyonni fayyaa dhaabbilee fayyaa mootummaa bulchiinsichaa hundarraa baba’an har’a hoospitaala Rifaraalaa Dil Coorraatti argamuun dhiiga arjoomaniiru.
Qondaalli fayyaa Biyaalfawu Zawudee TOItti akka himanitti, ogummaasaaniin dhukkubsattoota baraaruun gamatti tola ooltummaan irra deddeebiin dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruuf qoodasaanii bahaa jiru.
Ogeessi fayyaa kan biraan Kilinikaal Narsi Abiyoot Asraat gamasaaniin, hawaasa nubarsiise fayyaasaa eeguuf xiyyeeffannee hojjechaa jirra jedhan.
Dhiigallee arjoomaa jirra kan jedhan ogeessi fayyaa kun.
Hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa bulchiinsa Dirree Dawaa obbo Yuusuuf Sa’id, ogeeyyonni fayyaa bulchiinsichaa ogummaasaaniin hawaasa tajaajilaa akka jiran dubbataniiru.
Kana malees dhiiga arjoomuun hawaasaaf dhaabbachuusaanii mirkaneessaniiru jedhan.
Hojii tola ooltummaa kanaafi ogeeyyota galateeffataniiru.