Koreen Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa shororkeessuummmaa  fi  finxaalessummaa Ardichatti qolachuuf  tattaaffii  taassifamu deeggaruun nibarbaachisa

Caamsaa 04/2017(TOI)-Tattaaffii KoreenTajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa   shororkeessummaa fi Finxaalessumaa qolachuun Ardichatti Tasgabbii, Nageenya fi Misooma buusuuf taasisu deeggaruun akka barbaachisu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsaniiru.

 Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree  “tumsa odeeffannoon nageenya riijinichaa jabeessuu’’ jedhuun magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Walgahiin riijinii dhaabbilee odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa tumsa odeeffannootiin nageenya riijinichaa nigargaara jedhan itti aanaan daarektar jeneraalii tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer.

Shororkeessummaan, finxaalessummaan, walitti bu’insai idhannoon deeggarame, weerarrii fi   yakkoonni daangaa ce’an biroo hara’as yaaddoo riijinii Afriikaa bahaa ta’anii itti fufuu ibsaniiru. 

Yaaddoo nageenyaa Riijinicha jiru  to’achuun nagaa buusuuf tumsi odeeffannoo qindaa’aan   biyyoota gidduutti nibarbaachisa jedhaniiru.   

Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa akka uumu dubbataniiru.

Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru.

Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa shororkeessummaa fi Finxaalessummaa  qolachuuf biyyoota gidduutti waloomaan tumsuun shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa rakkoo faayinaansii  qabu  hiikuun  nageenya ardichaaf, nagaa fi misoomaaf  tattaafii  taassisu deeggaruu qabna jedhaniiru. 

Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan qolachuu akka qaban dubbataniiru.

Nagaa fi tas-gabbii riijinichaa mirkaneessuuf deeggarsa biyyoota  shororkeessotaa fi yakkaa babal’isanii fashalaeessuu qabna jedhaniiru .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015