Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban guddisuun guddina sektarichaaf murteessaadha. –Ministir Salaamaawit Kaasaa - ENA Afaan Oromoo
Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban guddisuun guddina sektarichaaf murteessaadha. –Ministir Salaamaawit Kaasaa

Caamsaa 04/2017(TOI)-Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban dabaluun guddina sektarichaaf murteessaa ta’uu Ministiri Turizimii Salamawit kaasaa Ibsan.
Woorkishooppiin Minsteerri Turizimii Dhaabbata barnootaa , saayinsii fi aadaa Mootummoota Gamtoomanii (Yuneeskoo) waliin mata duree ‘Ji’oo paarkonnii fi ji’oo turizimiin idil addunyaa qooda misooma fulla’aaf qaban” jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira.
Ministirri Turiizimii Salaamaawiit Kaasaa, UNISCOtti hooggantuun Gamtaa Afriikaa, Komishinii Dinagdee Afriikaa fi biiroo Laayizen Itiyoophiyaa
Dr. Riittaa Bisonowut, akkasumas hogantoonni Olaanoo dhaabbilee Federaalaa, hooggantoonni biiroo aadaa fi turizimii naannoo fi bulchiinsa magaalaa Itiyoophiyaanota sektara kanarratti hojjetanii fi ogeeyyonni biyyoota baha Afriikaa waltajjicharratti argamaniiru.
Woorkishooppichi dandeettii qooda fudhattoota UNISCOtti Giloobaal Ji’oo paarkis fi Ji’oo Turizim irra jiran guddisuu dabalatee pirojektoota giloobaal ji’oo park Yuuneeskoo Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa bahaa biroo keessatti jalqabsiisuuf kan akeekamedha.
Dabalataanis waa’ee Jii’oo paarkii Ardichatti beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Ministirri Turiizimii Salaamaawwit Kaasaa saganticha irratti akka ibsanitti, utubaawwan guddina dinagdee shan keessaa tokko Damee Turiizimii ta’uu ibsaniiru.
Sektarichi hamma isarraa barbaadamu guddina biyyaaf akka gumaachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kunis hamma xiyyeeffannoo kennameefii carraa jiru jabeessuunii fi beeksisuuf gumaacha taasiseera jedhaniiru.
Labsiin imaammata haaraa bakkeewwan hawwataTuriizimii eeguu, Jii’oopaarkoota dhaabuu fi barbaachisummaa jii’oo Turiizimii irratti xiyyeeffannoo kan kennedha jedhaniiru.
Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turiizimii irratti hubannaa qaban guddisuun misooma sektarichaaf murteessaa ta’uu dubaataniiru.
Waltajjiin har’aa Waa’ee ji’oo Paarkii fi Ji’oo Turizimii beeksisuusf ni gargaara jedhaniiru.