Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa

Caamsaa 04/2017(TOI)-Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa jedhan bulchaan naannoo ummattoota Itiyoophiya kibba lixaa Dr. injiinar Nagaash Wageeshoo.

Waltajjiin maree haala yeroo irratti xiyyeeffate mata duree “Kiyyoo jabana jiddugaleessaa”jedhuun qophaa’e bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamanitti magaalaa Boongaatti taa’amaa jira.

Bulchaan naannichaa Dr. Injiinar Nagaash Wageeshoo waltajjicharratti akka jedhanitti, qormaatilee jabana jiddugaleessaa qalbiin hubachuun qulqullina yaadaa fi tokkummaa uumuun nibarbaachisa.

Hooggansi sadarkaan jiru yeroo qormaata mo’achuun bu’a qabeessummaaf kutannoon hojjechuu irraa eegamudha jedhaniiru.

Seenessa hammataa biyyaalesaaa ijaaruun, tokkummaa cimsuu fi cehumsa caaseffama dinagdee cimsuun fi imala jijjiiramaa milkeessuu keessatti gufuulee mudatan mo’achuun kutannoon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Kiyyoo jabana jiddugalessaa cehuun jijjiiramicha sadarkaa olaanaarraan gahuuf ummata kakaasuu fi gurmeessuu akka barbaachisu eeranii, qormaatilee dhugan boodaa kutannoo fi komunikeeshinii cimaadhaan mo’achuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hooggansi hojiilee misoomaa ga’umsa olaanaan raawwachuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun itti quufinsa ummataa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015