Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira-Ministiroota - ENA Afaan Oromoo
Dameeleen dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantii kallattii alaa guddisaa jira-Ministiroota

Caamsaa 04/2017(TOI)-Dhaabbilee misoomaa mootummaa dabalatee dameeleen Invastimantii dureeyyii biyya alaaf cufamanii turan banamuunsaanii invastimantiin kallattii alaa akka guddatu taasisuusaa ministiroonni ibsan.
Pirezidaantiin RDFI taayyee Atsqasillaasee, hooggantoonni mootummaa olaanoon fi invastaroonni biyyoota hedduu bakka argamanitti fooramiin biizinasii Itiyoophiyaatti invasti godhaa 2025 Finfinneetti eegalameera.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Itiyoophiyaan biyya lafa bal’aa, qabeenya bishaanii hedduu, dargaggoo fi humna nama baratee akkasumas bu’ura misoomaa guutuu qabdu ta’uunshee invastimantiif mijattuudha jedhan.
Riifoormiin dinagdee, riifoormiiwwan rakkoolee dhaabbataa fi caasaa furan guddina biyyaa fulla’aa kan fidan ta’uu dubbataniiru.
Riifoormiiwwan seeraa fi imaammataa akkasumas dirreen daldalaa fi Invastimantii banamuunsaanii bu’aa guddaa fidaa jiru jedhaniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin, Itiyoophiyaan biyya Invastimantiif barbaadamtudha jedhaniiru.
Jijjiiramaan dure xiyyeeffannoo dhabee kan ture dameen dhuunfaa waggoota jijjiiramaatti imaammata jijjiiruunn dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qooda ijoo akka qabaatu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufamanii waggootaaf turan banamuu kaasuun, seeronnii fi imaammattoonnis fooyya’uu ibsaniiru.
Komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen, xiyyeeffannoon mootummaan jijjiiramaa invastimantiif kenne bu’aan guddaan argameera jedhan.
Fooramiin kun tumsa jabeessuun carraalee Invastimantii akka bal’isu dabalanii dubbataniiru.