Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa baranaaf qophiin itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa baranaaf qophiin itti fufeera

Caamsaa 04/2017(TOI)- Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa baranaaf qophiin taasifamu cinmee itti fufuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Itti aanaan hoogganaa biiroo qonnaa naannichaa Eliyaas Kadir TOI’f akka ibsanitti, sagantaa kana milkaa’inaan raawwachuuf biqiltuun addaddaa qopheeffamaa jira.
Biqiltuun Mukkeen Mandhalee, muduraa fi nyaata looniif xiyyeeffannoo taasifameera jedhan.
Biqiltuu naannichatti barana qopheeffaman keessaa harki 11 nyaataaf kan oolan Avokaadoo, Muuzii, Paappaayyaa, Zayituunaa, Temirii, maangoo akka akka ta’an dubbataniiru.
Kan hafan misooma bosonaa fi tajaajila biroof kan oolan ta’uu himaniiru.
Biqiltuu barana dhaabamuuf lafti heektaara miiliyoona 1 caalu qophaa’ee boolla biqiltuu qopheessuun itti fufuu ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Oromiyaa Sayifaddiin Mahaadii gamasaaniin, biqiltuun buufataalee biqiltuutti qopheeffaman yeroo yerootti dhaabbiif qaqqabuunsaa hordofamaa akka jiru ibsaniiru.
Xiyyeeffannoon bara kanaa mukeen mandhaleerratti ta’uu dubbataniiru.
Biqiltuun Muduraa baddaa keessumaammoo Appiliin bal’inaan qophaa’uu himaniiru.