Tarkaanfiiwwan riifoormii dinagdee Gooroo invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumeera-Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Tarkaanfiiwwan riifoormii dinagdee Gooroo invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumeera-Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee

Caamsaa 04/2017(TOI)-Itiyoophiyaan Tarkaanfiiwwan riifoormii dinagdee Gooroo fudhatteen invastimantii kallattii alaa hawachuu fi caasaa cehumsa dinagdee milkessuuf karaa sirrii qabachuushee Pirezidaantiin RDFI Tayyee Atsqasillaasee ibsan.
Fooramiin biizinasii yaadama Itiyoophiyaatt Invast godhaa 2025 jedhuun qophaa’e Finfinneetti ta’amaa jira.
Pirezidaantiin RDFI Tayyee Atsqasillaasee baniinsa foramichaarratti dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan jijjiiramaa hedduu fudhachaa akka jirtu ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan riifoormii dinagdee guddina itti fufsiisuuf, Invastimantii kallattii alaa hawachuuf fi caasaa cehumsaa milkeessuuf akka dandeessisan himaniiru.
Kun ammoo Itiyoophiyaan daandii sirriirra akka deemtu ishee taasiseera jechuun, carraan egeree dinagdee Itiyoophiyaa abdachiisaadha jechuun ibsaniiru,
Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufaa turan banamuun, riifoormiin biyyaalessaa, riifoormiin seeraa fi imaammataa fi gama addaddaan invastimantii hawachuuf jijjiiramni qabatamaa dhufuu kaasaniiru.
Foramiin kun dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu agarsiisuuf carraa guddaa ta’uu eeranii, hirmaattonni waltajjichaa muuxannoo akka waliiqoodan dhaamaniiru.