Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atu fi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf  tumsi  odeeffannoo biyyoota riijinichaa Murteessaadha

Caamsaa 4/2017(TOI)-Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atufi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota riijinichaa murteessaa ta’uu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer

ibsaniiru.

Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jira.

 Itti Aanaan Daarektar generaalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyolessaa Taazer Gabra Igzaabeer akka jedhanitti, waltajjichi tumsa odeeffannotiin nageenya riijinichaa jabeessuun haala danda’amu irratti marii’ata.

Shororkeessummaa, finxaalessummaafi Yakkoonni Daangaa qaxxaamuran biroon har’allee yaaddoo  biyyoota  Afriikaa Bahaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis yaaddoo nageenyaa riijinichaa to’achuun nagaa buusuuf biyyoota gidduutti tumsi odeeffannoo qindaa’aan barbaachisaadha jedhaniiru.  

Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa  akka uumu dubbataniiru.

Hojiin nageenyaa  tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo  Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru.

Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan olachuu akka qaban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015