Naannichatti nageenya waaressuun gama hundaan bu’aan argameera-Bulchaa Araggaa Kabbadaa - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti nageenya waaressuun gama hundaan bu’aan argameera-Bulchaa Araggaa Kabbadaa

Caamsaa 04/2017(TOI)-Nageenya Naannoo Amaaraatti argame waaressuun gama hundaan bu’aan argamuusaa Bulchaa naannichaa Araggaa Kabbadaa ibsan.
Waltajjii haala wayitaawaa dhimma naannichaa irratti xiyyeeffatu kan miseensonni hooggansa naannichaa irratti hirmaatan magaalaa Bahaar Daaritti taa’amaa jira.
Waltajjii har’a jalqabame kanarratti bulchaan naannichaa Araggaa Kabbadaa akka jedhanitti, olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessadha.
Nageenya waaressuun gama hundaan bu’aan galmaa’uu ibsaniiru.
Fuulduras fayyadama dinagdee ummataa caalaatti guddisuuf miseensonni sadarkaan jiran kan Kanaan duraa caalaa cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Paartii badhaadhinaattihoogganaan waajjira damee naannoo Amaaraa Yirgaa Sisaayi gamasaaniin, garee finxaalesssaa naannicha keessaa qulqulleessuun misooma fulla’aa gochuuf hojiin hojjetamu cimuu dubbataniiru.
Nageenya nannichaa waarawe itti fufsiisuun fayyidaa misoomaa ummani argachuu eegale caalaatti guddisuun hoggansi sadarkaan jiru hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.