Kooriyaa Rippabliikii fi Itiyoophiyaa tumsa cimaa damee daldalaa fi Invastimantiin qaban jabeessuuf xiyyeeffannoon kennameera-ambaasaadaar Juung Kaang - ENA Afaan Oromoo
Kooriyaa Rippabliikii fi Itiyoophiyaa tumsa cimaa damee daldalaa fi Invastimantiin qaban jabeessuuf xiyyeeffannoon kennameera-ambaasaadaar Juung Kaang

Caamsaa 04/2017(TOI)- Kooriyaa Rippabliikii fi Itiyoophiyaa tumsa cimaa damee daldalaa fi Invastimantiin qaban jabeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Itiyoophiyaatti ambaasaaddaarri Rippaabiliikii Kooriyaa Juung Kaang ibsan.
Hariiroon Kooriyaa Rippaabiliikii fi Itiyoophiyaa hariiroo dippilomaasiirra darbee aarsaan kan itti kaffalamee fi dhiigaan kan walitti hidhamedha.
Hariiroon Kooriyaa Rippaabiliikii fi Itiyoophiyaa waggaa 74 kan lakkoofsise yoo ta’u, hirmaannaan Itiyoophiyaan waraanaa taasifte walabummaa Rippaabiliikiin Kooriyaa gonfatteef qooda olaanaa baheera.
Keesumaa hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 20 asitti caalaatte cimee ittifufeera.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kooriyaa Rippaabiliikii Juung Kaang turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, tumsa daldalaa fi Invastimantii biyyoonni lamaan qaban caalaatti cimsuuf xiyyeeffatameera.
Aarsaa Itiyoophiyaan walabummaa Kooriyaa Rippaabilikiif kaffalte ummanni fi mootummaan Kooriyaa Rippaabilikii yoomiyyuu beekamtii fi galanni kan knnamuufidha jedhaniiru.
Hariiroo dippilomaasii yeroo dheeraa fi tumsa hundagaleessa biyyoonni Lamaan qaban cimsuuf fedhii waloorratti hundaa’uun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Aadaa walii qooduun, barnoota, teeknooloojii, qonna, fayyaa fi ijaarsa bu’ura misoomaan waliin hojjechaa akka jiran wabeeffataniiru.
በTumsa gama daldalaa fi Invastimantiin qaban caalaa cimsuufis xiyyeeffatameera.
Hirmaannaa Itiyoophiyaan nagaa kabachiisuurratti qabdu kan dinqisiifatamu ta’uu ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Ergama nagaa kabachiisuu Kooriyaa Rippaabiliikii waggaa 74 guute dabalatee Itiyoophiyaan nagaa kabachiisuuf Koongoo, Ruwaandaa, Laayibeeriyaa, Sudaan Somaaliyaa fi Sudaan kibbaatti duulte ni’eerama.