Taphoonni Piriimer liigii Itiyophiyaa lama har’a nigaggeeffamu

Caamsaa 04/2017(TOI)- Taphoonni Piriimer liigii Itiyophiyaa torbee 29ffaa olmaa guyyaa lammaffaa har’a nigaggeeffamu

Magaalaan Arbaa Minci Magaala Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yuunversiitii  hawaasaatti nitaphatu.

Taphoota Liigichaa shan itti fufinsaan gaggeeffamaniin injifachuu kan hin dandeenye   Magaalaan Arbaa Minci  qabxii 35n sadarkaa 11ffaa yoo qabatu, Magaalaan Hawaasaa qabxii 31n sadrkaa 13ffaa irra jira.

Magaalaan Arbaa Minci Tapha har’aa yoo mo’ate gara injifannootti yoo deebi’u, Magaalaa Hawaasaa  immoo  sadarkaa  gadi bu’aarraa  siquuf  isa   gargaara.

Liigichatti qabxii 32n  sadarkaa 12ffaa irratti kan argamu Itiyoo -elektiriik qabxii 37n  sadarkaa  9ffaa  irratti kan argamu Buna Sidaamaa  waliiin galgala sa’aatii 12tti  nitaphatu.

Taphichi garee lamaaniifuu  gara injifannootti deebi’uuf  tapha murteessaa ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015