Taphoonni guutuu Dirree Dawaa 6ffaan jalqabame - ENA Afaan Oromoo
Taphoonni guutuu Dirree Dawaa 6ffaan jalqabame

Caamsaa 02/2017(TOI)- Taphoonni guutuu Dirree Dawaa 6ffaan Ispoortessitoonni 250 irratti hirmaatan jalqabame.
Taphoonni guutuu Dirree Dawaa 6ffaan Istaadiyeemii Dirree Dawaatti har’a jalqabameera.
Komishinariin komishinii dargaggootaa fi Ispoortii bulchiinsa Dirree Dawaa Kaaliid Mahaammad dorgommicha jalqabsiisaniiru.
Taphoonni guutuu Dirree Dawaa 6ffaan bifa Ispoortii olompiikiitiin kan adeemsifamuu fi Ispoortesitoota bakka bu’oo horachuuf kan dandeessisu ta’uu komishinarichi
dubbataniiru.
Dorgommichi Caamsaa 23/2017 irraa eegalee magaalaa Jimmaatti kan adeemsifamu taphoota guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa irratti Dirree Dawaa bakka bu’uun dorgoman fo’achuuf nigargaara jedhan.
Dorgommii har’a jalqabame kana irratti Ispoortesitoonni 250 akaakuu Ispoortii 12n akka hirmaatan ibsameera.
Dorgommichi amma Caamsaa 10 bara 2017tti akka adeemsifamu odeeffannoon arganne ni’eera.