Fakkeenummaa misoomaa fi nageenyaa Finfinnee itti fufsiisuuf qoonni miseensota raayyaa nageenyaa olaanaadha – Obbo Mogos Baalchaa

Caamsaa 02/2017(TOI)- Fakkeenummaa misoomaa fi nageenyaa Finfinnee itti fufsiisuuf miseensonni raayyaa nageenyaa  qoodasaanii olaanaa cimsanii itti fufuu akka qaban hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee  Obbo Mogos Baalchaa ibsan.

Biiroon nagaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa nageenyaa leenjise kuma 11 eebbisiiseera.

Hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Finfinnee  Obbo Mogos Baalchaa akka ibsanitti, gaggeessummaa paartichaa fi hirmaannaa ummataan Finfinnee miidhagduu, qulqulluu fi ulaagaa magaalaa idil addunyaa guutte akka taatu hojjetamaa jira.

Paartichi itigaafatama ummataa fi wadaa hale qabatamaan raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii nama jiddugaleeffateef xiyyeeffannoo olaanaa kennuun milkaa’inoonni dinagdee, hawasummaa fi siyaasaa galmaa’uu, ibsanii, hirmaannaan ummataa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Nagaa fulla’aa magaalichaa mirkaneessuuf hojiin qindaa’aan raayyaan nageenyaa raayyaa tasgabbii idilee waliin taasisaa jiran jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.

Hooggantuun biiroo bulchiinsa nagaa fi tasgabbii Finfinnee Liidiyaa Girmaa gamasaaniin, guddina si’ataa magaalichaa fullaasuuf nagaa amansiisaa buusuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Eebbifamtoota har’aa keessaa Kumaalaa Birhaanuu Baqqalaa, leenjii argataniin naannawasaanii eeguufnqophii ta’uu dubbataniiru.

Tigist Abagaaz gamasaaniin, turtiisaaniin leenjii humna nageenyaa waliin ta’uun nagaa eegsisuuf  isaan dandeessisu akka argatan argachuusaanii eeraniiru.

ለHumna nageenyaaf deeggaraa ta’uun nageenya naannawa keenyaa mirkaneessuuf yoomiyyuu caalaa qophoofneerra kan jedhan ammoo Yaalweu Taaddasaati.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015