Atobisoonni Elektiriikii yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furaa, tajaajila mijataas nuuf kennaa jiru-jiraattota magaalaa Finfinnee

Caamsaa 02/2017(TOI)- Atobisoonni Elektiriikii dhiheenya hojii jalqaban yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuuf gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran jiraattonni magaalaa Finfinnee ibsan.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee tumsa mootummaa fi dhuunfaan Atomisoota Elektiriikii ammayyaa 100 hojii eegalchiisuunsaanii niyaadatama.

Jiraattonni magaalattii TOItti akka himanitti, Atobisoonni haaraan yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuun gumaacha guddaa taasisaa jiru.

Kanneen keessaa Adinew Birhanuu, yada kennaniin Atobisoonni ammayyaa Elektiriikiin hojjetan rakkoo geejjibaa furuun tajaajila mijataa kennaa jiru jedhan.

Atobisoonni kunneen maallaqa madaalawaan tajaajila mijataa kennaa jiru kan jette ammoo Elsaa Kaasahuun jedhamti.

Taarikuu Yimaam yaada kenneen, Atobisoonni kunneen rakkoo geejjibaa yeroo hojii bahamuu fi hojii galanitti jiru furaa jiru.

Konkolaachiftoota keessaa Minyichil Geetinnat, konkolaattonni elektiriikii hatattamaa fi haala mijataa ta’een tajaajilamtoota keessummeessaa akka jiran dubbataniiru.

Gatii madaalawaan tajaajila hatattamaa kennaa akka jiran kasn jette ammoo konkolaachiftuu Zabidar Baayyuuti.

Konkolaachiftuun Wub Addis Dassaalenygamasheetiin, rakkoo geejjibaa yeroo hojii galamuu fi hojii bahamu furuun tajaajila kennaa jiru jetteetti.

Hoogganaan biiroogeejjibaa Finfinnee Yaabbibaal Addis, Atobisoonni Elektiriikii  rakkoo geejjibaa furan 100 hojii eegalaniiru jedhan.

Atobisoonni kunneen bakkee rakkoon geejjibaa cimaan jirutti tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015