Naannoo Harariitti Sagantaa maaddii guutuutiin oomishtummaa guddisuun itti fufa

Caamsaa 02/ 2017 (TOI)- Naannoo Harariitti Sagantaa maaddii guutuutiin oomishtummaa aannanii, lukkuu, dammaa fi qurxummii guddisuun jabaatee akka itti fufu itti aantuun bulchaa naannichaa adde Roozaa Umar himan.

Naannichatti maaddfii guutuun misooma qabeenya beelladaa fi galteewwan guddisuun haala danda’amurratti qaamolee damicharratti hojjetan waliin mari’atameera.

Itti aantuun bulchaa fi hooggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa adde Roozaa Umar wayita kana akka jedhanitti, maaddii guutuutiin oomishtummaa aannanii, lukkuu, dammaa fi qurxummii akka guddatu hojjetamaa jira.

Yeroo ammaa qonnaan bulaa fi kutaaleen hawaasaa biroon magaalaa fi baadiyyaatti lukkuu, aannan, saawwa aannanii, kanniisa horsiisuu akkasumas kuduraa boroo irratti hirmaachuun oomishtummaa guddisaa jira.

Oomishaalee maaddii guutuun oomishaman hawaasni gatii madaalawaan akka bitatu fi gabaan akka tasgabbaa’u haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru.

Hirmaattota keessaa lukkuu horsiisaa kan jiran obbo Iskindir Dagifee, deeggarsi mootummaan naannichaa maaddii guutuuf gochaa jiru bu’a qabeessa isaan taasisuusaa eeranii, fuulduratti bakki itti oomishan akka mijatuuf gaafataniiru.

Loon horsiisaa kan jiran obbo Kaffaaloo Warquu, rakkoon nyaata loonii akka furamuuf gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015