Naannawichatti hojiileen misoomaa akka mijatanii fi nageenyi fulla’aan akka mirkanaa’u hojii guddaa hojjeteera-jiraattota magaalaa Naqamtee - ENA Afaan Oromoo
Naannawichatti hojiileen misoomaa akka mijatanii fi nageenyi fulla’aan akka mirkanaa’u hojii guddaa hojjeteera-jiraattota magaalaa Naqamtee

Caamsaa 02/2017(TOI)- Naannawichatti hojiileen misoomaa akka mijatanii fi nageenyi fulla’aan akka mirkanaa’u raayyaan raayyaan ittisa biyyaa hojii guddaa hojjechuusaa jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannawashee ibsan.
Izziin Lixaa ayyaana hundeeffamaa waggaa 47ffaa sagantaawwan garagaraan kabajaa jira.
Qaama kabaja ayyaanaa kanaa kan ta’e marii paanaalii kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti hirmaatan adeemsifameera.
Jiraattonni magaalaa Naqamtee fi naannawashee marii paanaalii kanarratti hirmaatan hojii seera kabachiisuu raayyaan ittisaa hojjeteen magaalichaa fi naannawasaatti nagaan akka bu’u taasisuu dubbataniiru.
La’aake Wangeel Qesiis Garramuu Baqqalaa akka jedhanitti, sochiin dinagdee fi hawaasummaa magaalichaa fi naannawichatti akka itti fufu fihawaasni tasgabbaayee akka jiraatu gochuu ibsaniiru.
Hajii Yaasin Habiib gamasaaniin, raayyaan ittisaa gaachana biyyaa fi nagaa ummataa mirkaneessaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.
Geetaasfaawu Tarfaasaa yaada kennaniin, nagaan bu’ura waan hundaa ta’uu eeranii, magaalaan daandii guddinaarra jirti jedhaniiru.
Abbaa Gadaan Asfaawu Kabbadaa fi obbo Shifarraawu Baqqalaa gamasaaniin, magaalaa Naqamtee fi naannawasheetti nagaan akka bu’u raayyaan ittisa biyyaa qooda olaanaa bahuusaa dubbataniiru.
Hawaasni akkuma Kanaan duraa raayyaa cinaa dhaabachuun misooma akka si’achiisu dhaamaniiru.