Komishiniin mana Sirreessaa Federaalaa marsaa 37ffaa Konistaabiloota leenjisaa ture eebbisiiseera. - ENA Afaan Oromoo
Komishiniin mana Sirreessaa Federaalaa marsaa 37ffaa Konistaabiloota leenjisaa ture eebbisiiseera.

Komishinichi konistaabiloota dhaabbata leenjii poolisii mana sirreessaa Alaltuutti leenjisaa ture kuma 1 fi 27 eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kana irratti de’eetaan Ministira Haqaa Ummad Ujulu, komishinar Jeneraalaiin Mana Sirreessaa Federaalaa Yenus Muluu fi keessummoonni waamichi tassifameef biroon argamaniiru.
Komishinar Jeneraaliin Mana Sirreessaa Federaalaa Yenus Mulu Sirna Eebbaa irratti haasaa taassisaniin dhaabbatichi sirreefamtoota seeraa murtee mana murtiin gara mana sirreessaa fi bakka turtii dhufan fi sirreeffamtoota yeroo beellemaan jiran simatee, mala yakkaa keessa turan keessaa bahanii lammii omishaa fi seera kabaju ta’anii hawaasatti akka makaman gochuun kaayyoosaa isa ijoodha.
Kaayyoo kana galmaan gahuuf Miseensonni poolisii Mana sirreessaa leenjii qulqullina qabu fudhatanii dandeettii loltummaa gonfachuun akka isaan irra eegamu ta’uu ibsuun, naamusa ogummaa fi miira tajaajiltummaa akka argatan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirreeffamtoonni Murtee mana murtii xumuratanii yeroo bahanitti omishaa fi seera kan kabajan akka ta’an hojiin sirreessuu fi qulqulleessuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.