Ayyaanni hundeeffama Iiziin lixaa 47ffaan Kabajamaa Jira

Caamsaa 02/2017(TOI)-Ayyaanni Hundeeffama Iizii lixaa 47ffaan Sagantaawwan adda addaan Magaalaa Naqamteetti Kabajamaa jira.

Ayyaana hundeeffamaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.

Itaamaajor Shuumiin humnoota waraanaa Walii Galaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Itti Aanaa Itaamaajorii shuumiin Humnoota waraanaa waliigalaa Jeneral Ababaaw Taaddasaa,  Ajajaa Iizii Lixaa Letenaal Jeneraal  Massalee  Masarat, QondaaltonniOlaanoo raayyaa ittisaa  fi Hoggantoonni Biroon Marii Paanaalichaa irratti hirmaachaa jiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi bulchaan Mootummaa Naannoo Benishaangul Gumuz  Ashadlii Hasan fi Itti Aanaan bulchaa Naannoo Amaaraa fi Itti Gaafatamaan Biiroo Qonna Naannichaa Dr.Diras Saahilu marii paanaalichaa irratti argamaniiru.

 Hundeeffamni Ajaja Iizii lixaa 47ffaan Sagantaawwan adda addaan injifannoowwan iizichaa   haala Mul’isuun kabajamaa  jira.

Sagantichi agarsiisni Suuraa, Mariinpaanaalii, Eebba Kitaabaa fi Dokimantariiwwan Iizicha Ilaallatan ni gaggeeffamu.

Ayyaanni guyyaa Hundeeffamaa Iizii lixaa 47ffaan  qophii  adda addaan  guyyoota sadiif  kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015