Dorgommiin ogummaa biyyaalessaa milkaa’inoota Itiyoophiyaan gama Kanaan galmeessifte kan guddisedha

Caamsaa 02/2017(TOI)- Dorgommiin ogummaa biyyaalessaa milkaa’inoota Itiyoophiyaan gama Kanaan galmeessifte kan guddisee fi kan hafan ga’umsaan raawwachuuf gala kan ta’udha jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Adam Faaraah.

Dorgommiin ogummaa biyyaalessaa 4ffaan Ebla 27 irraa eegalee mata duree “sammuun ifaan lammiilee ogummaan ga’ooman” jedhuun adeemsifamaa ture har’a xumurameera.

Dorgommiin kun dameelee ogummaa, teeknooloojii fi qorannoo fi qu’annoo gocharratti hundaa’een taasifame.

Sagantaa xumuraa irratti kan argaman sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantiin paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka ibsanitti, ogummaa  jabeessuun dandeettii dorgommii biyyaa dabaluuf murteessaadha.

Dorgommiin ogummaa biyyaalessaa adeemsifame milkaa’inoota Itiyoophiyaan damee Kanaan argatte kan guddise kan hafan ga’umsaan raawwachuuf kan dandeessisan ta’uu dubbataniiru.

Dorgommiin ogummaa biyyaalessaa hojiilee qorannoo rakkoo furan kan dhiheessee fi teeknooloojii gabaan barbaadfu hojjechuu dandeessisuusaa ibsaniiru.

Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil gamasaaniin, dorgommiin ogummaa biyyaalessaa qulqullummaa leenjii mirkaneessuuf waggaa lama lamaan kan adeemsifamu ta’uu dubbataniiru.

Sagantichi dargaggoonni naannolee hundatti dorgomanii mo’atan kan keessatti hirmaatan dorgommii ogummaa fi teeknooloojii mo’uu mo’attootaa ta’uu beeksisaniiru.

Naannoleen dorgommichaan mo’ataa mo’attootaa ta’an waancaa warqee, sartafikeettii fi konkolaataa badhaafamaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015