Malaammaltummaa qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hafeera-komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa

Caamsaa 02/2017(TOI)- Hojii malaammaltummaa si’annaan qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hambisuun akka danda’ame komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa beeksise.

Komishinichatti hojii dursaa raawwacjiisaan qorannoo malaammaltummaa qolachuu komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Gazzaaheny Gaashaawu TOItti akka himanitti, saaxilamummaa malaammaltummaarraa Itiyoophiyaa hir’isuuf barsiisuun, qolachuu fi seera kabachiisuun hojjetamaa jira.

Bara bajataa 2016/17 baatii sagal dare komishinaroota naamusaa fi farra malaammaltummaa naannolee waliin raawwii hojii adeemsifamuu dubbataniiru.

Baatii sagal keessatti hojiin malaammaltummaa ittisuu si’ataan hojjetamuu 500 caalu hojjetamuu dubbataniiru.

Akkaataa Kanaan maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona lamaa fi tuqaa lama caaluu fi lafa magaalaa fi baadiyyaa karee miiliyoona 190 qabeenya ummataa fi mootummaa oolchuun akka danda’ame beeksisaniiru.

Itiyoophiyaan waliigaltee farra malaammaltummaa dhaabbata mootummootaa mallatteessuushee eeranii, bu’urri waliigaltee kanaa seera kabachiisuu, malaammaltummaa qolachuu, qabeenya deebisiisuu fi tumsa idil addunyaa ta’uu himaniiru.

Bara 2015/16 ministeerotaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa 25 irratti qorannoo saaxilamummaa malaammaltummaa taasisuun hojiin deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015