Godina Boorana Bahaatti hongee fi Manacaatii Naannoo ittisuuf sululawwan 99 misoomaniiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana Bahaatti hongee fi Manacaatii Naannoo ittisuuf sululawwan 99 misoomaniiru
Caamsaa 02/2017(TOI)-Godina Boorana Bahaatti hongee fi mancaati naanaannoo ittisuuf sululawwan 99 irratti hojiin qabeenya uumamaa kunuunsuu Qajeelchi Qonnaa Godinichaa Beeksise.
Hojii misooma sululaa kanarratti uummanni Godinicha kuma 188 ol hirmaachun yoo ibsame, lafa margaa hektaara kuma 12 ol tutuqqaa irraa daanga’uu ibsaniiru.
Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Obbo Aliyyi Arebaa hojii misooma sululaa qindaa’aan irra caalaan naannichatti mancaatii mudatuu fi hongee ittisuuf yaadamee hojjetamaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis baatiiwwan Bonaa Godinichatti Aanaa hundatti lafa hektaara kuma 63 irratti Eegumsi Misooma Biyyee fi bishaanii gaggeeffameera.
Hojiin misooma sululaa, Oyiruu, gaarreen irratti daagaa ijaaruu , burqaa bishaanii kunuunsuu fi biqiltuu qopheessuun hojjetamuu ibsaniiru.
Hojii sululawwan 99 irratti hojjetamee irratti uummanni kuma 188 ol hirmaachuu ibsuun, boolla biqiltuu keessa dhaabamu kuma 500 qophaa’uu ibsaniiru.
Akkasumas gosa bishaanii Baatii Bonaatti tajaajila kennan12 qophaa’uu ibsaniiru.
Misooma Sululaatiin Lafa hektaara kuma 10tti dhihaatu loon akka hin dheedne daangessuuf karoorfamee heltaarri kuma 12 ol daanga’uu ibsaniiru.
Jiraattonni Godinichaa harki caalaan horsiisa looniin jireenya isaanii kan gaggeeffatan yoo ta’u, lafti margaa Daangeffame beelladoota Kuma 60 Ol Fayyadamoo nitaasisa jedhaniiru.