Riifoormiin dinagdee Gooroo hirmaannaan dhiheessii dawaa damee dhuunfaa akka dabalu godheera - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin dinagdee Gooroo hirmaannaan dhiheessii dawaa damee dhuunfaa akka dabalu godheera

Caamsaa 02/2017(TOI)- Riifoormiin dinagdee Gooroo hirmaannaan dhiheessii dawaa damee dhuunfaa akka dabalu gochuusaa tajaajilli dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa beeksise.
Itiyoophiyaan Adoolessa 2016 irraa eegalee imaammata riifoormii dinagdee Gooroo guutuu hojiirra oolchaa jiraachuun nibeekama.
Riifoormiin dinagdee Gooroo bu’aa bayii sharafa alaa sirreessuu fi hanqina madaallii kafaltii alaa yeroo dheeraa furuu, hammattoo imaammata maallaqaa ammayyeessuun qaala’insa gabaa hir’isuuf kan akeekame dha.
Hojiirra oolmaan dinagdee Gooroo baatii sagal darban jijjiiramni dameewwan garagaraa irratti jijjiirama fidaa jira.
Daarektarri olaanaa tajaajila dhiheessii dawaa Itiyoophiyaa Dr. Abdilqadir Galgaloo TOI’tti akka himanitti, Kanaan dura hirmaannaan damee dhuunfaa dhiheessii dawaarratti xiqqaa ture.
Riifoormiin dinagdee Gooroo hanqina sharafa alaa furuuf kan gargaaruu fi dandeettii dorgommii oomishtootaa kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Riifoormiin booda hirmaannaan damee dhuunfaa guddachaa dhufuu ibsaniiru.
Baay’inni dhiheessitoota biyya keessaa dabalaa dhufuu dubbatanii, kun ammoo Itiyoophiyaan ofeesheetiin dawaa dhiheessuuf sirni dandeessisu uumuu akka dandeessise himaniiru.