Hordoffiin bu’a qabeessummaa imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaa haaraaf taasifamu jabaachuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hordoffiin bu’a qabeessummaa imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaa haaraaf taasifamu jabaachuu qaba

Caamsaa 02/2017(TOI)- Hordoffiin bu’a qabeessummaa imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaa fooyya’ee baheef taasifamu jabaachuu akka qabu itti aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa adde Loomii Badhoo hubachiisan.
Walitti qabdoonnii fi itti aantonni walitti qabdoonni koree dhaabbataa mana maree bakka bu’oota ummataa imaammaticharratti hubannoo dabalataa uumuuf magaalaa Adaamaatti mari’achaa jiru.
Itti aantuun Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa adde loomii Badhoo waltajjicha yoo banan akka jedhanitti, Imaammanni duraanii bara 1994 kan qophaa’e yoo ta’u sadarkaa guddinaa fi fedhii amma biyyi itti jirtu kan hinmadaalle ta’uu dubbataniiru.
Imaammatichi haala qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa qixaan kan hin ilaalle ture jedhanii, imaammanni haaraan kun hanqinoota kan guutuu fi yaadamoota qonnaa fi misooma baadiyyaa addunyaan irra jirtu kan ofkeessaa qabu ta’uu dubbataniiru.
Imaammatichi yaadamoota kunuunsa qabeenya uumamaa, misoomaa egereef itti fayyadamuuf gargaaruu fi riifoormii dinagdee mandhaleef gargaaran kan ofkeessaa qabu ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin har’aa kun hooggantoonni koree dhaabbataa mana marichaa kallattii imaammatichaa hubachuun deeggarsaa fi to’annoo akka cimsan dandeessisuuf idha jedhaniiru.
Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee gamasaaniin, umaammanni haaraan hanqinoota gama midhaanii, beelladaa, qabeenya uumamaa, gabaarratti xiyyeeffachuun jiran kan furu ta’uu dubbataniiru.
Imaammatichi wabii nyaataa mirkaneessuuf, sirna nyaataa dhugoomsuuf akkasumas carraa hojii uumuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Imaammaticha raawwachiisuuf labsiiwwan waliigaltee qonnaa, sanyii fi itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafaa qophaa’uu eeranii, dabalataanis dambiiwwanii fi qajeelfamoonni kana raawwachiisuuf oolan qophaa’anii hojiitti galamaa jira jedhaniiru.