Milkaa’ina Hawaasummaa fi Dinagdee Magaalaa Finfinneetti galmaa’eef Qidoominni Mootumma fi hawaasaa shoora guddaa gumaacheera - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina Hawaasummaa fi Dinagdee Magaalaa Finfinneetti galmaa’eef Qidoominni Mootumma fi hawaasaa shoora guddaa gumaacheera

Caamsaa 02/2017(TOI)-Milkaa’ina Hawaasummaa fi Dinagdee Magaalaa Finfinneetti galmaa’eef qindoominni Mootummaa fi Uummataa shoora guddaa gumaachuu itti Gaafatamaa waajjira paartii Badhaadhina Damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa ibsan.
Biiroon Bulchiinsa fi nageenya magaalaa Finfinnee miseensa raayyaa nageenyaa kuma 11 eebbisiiseera.
Obbo Moges Baalchaa Saganticha irratti akka ibsanitti, Magaalaa Finfinneetti badhaadhinni hunda galeessi akka dhugomsu nagaa eegsisuuf raayyaan nageenyaa shoora guddaa qaba jedhaniiru.
Magaalaan Finfinnee Jijjiirama dinqisiisa keessatti argamti kan jedhan hogganichi, Badhaadhina haala Amansiisaa ta’een mirkaneessuuf nagaan shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Miseensonni raayyaa nageenyaa har’a eebbifaman badhaadhina hunda galeessa Magaalichaa dhugoomsuuf Nagaa eegsisuu irratti qooda mataa isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.
Itti gaafatamtuun Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa gama isaaniin, nagaa fi tasgammii naannawichaa eeguuf shoorri raayya nageenyaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni Raayyaa Nageenyaa qaamolee nageenyaa magaalichaa waliin ta’uun waardiyaa nageenyaa magaalaa ta’anii tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.
Obbo Mogos Baalchaa dabalatee Hoggantuun biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalichaa Aadde Liidiyaa Girmaa, ajajaa walii galaa poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw, Hojii Gaggeessaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Kabachiisa Seeraa Magaalaa Finfinnee Kumaalaa Zarihun Tafarraa fi hoggantoonni biroon sirna Eebbaa irratti argamaniiru.