Magaalichatti balfa deebisanii hojiirra olchuun Birrii biiliyoona 1 fi Miliyoona 271 ol argame - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti balfa deebisanii hojiirra olchuun Birrii biiliyoona 1 fi Miliyoona 271 ol argame

Caamsaa 01/2017(TOI)-Magaala Finfinneetti bara baajatichaatti baatiiwwan saglan darbanitti balfa deebisanii misomsuun Birriin Biliyoona 1 fi Miliyoona 271 ol argamuu Ejensiin Qulqullinaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Itti aanaan Daarektara Olaanaa Mulat Tagany TOI’f yaada kennaniini, waggoottan darban Kosii gara qabeenyatti jijjiiruuf hojiin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.
Waldaaleen seera qabeessaan gurmaa’uun sirni deeggarsaa diriiree fi gara hojiitti akka galaniif erga taassifamee booda balfa qabachuu fi dhabamsiisuu irratti jijjiiramni argamuu ibsaniiru.
Waldaaleen 334 ol hojii deebisanii misoomsuu irratti kan bobba’an yoo ta’u kana keessaa 53 qophii xaa’oo uumamaa irratti kan bobba’an ta’uu ibsaniiru.
Magaalichatti baatiiwwan saglan darbanitti balfa gogaa sassaabame irraa deebisanii fayyadamuun tajaajilaaf oolchuun danda’amuu ibsaniiru.
Meeshaalee pilaastikii, omishawwan waraqaa, Meeshaalee Elektirikii deebisanii fayyadamuun cimee itti fufuu ibsaniiru.
Kanaanis Balfa deebisanii hojiirra oolchuun birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 271 ol argamuu ibsaniiru.
Balfa deebisanii fayyadamuun lammiilee kuma 1 fi 79’f carran hojii uumamuu danda’uu ibsaniiru.
Magaalittiin miidhagduu fi qulqulluu, addunyaarratti magaala dorgomtuu taassisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Misooma Koriideraa fi Misooma Magariisaa ammaan dura hafteewwan meeshaa ijaarsaa bakkeetti gatamaa ture hambisuu irratti qooda guddaa bahu ibsaniiru.