Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa Madinii fi magaalaa Bahaar Daar har’a nitaphatu

Caamsaa 01/2017(TOI)-Tapha iriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 28ffaan liigicha kan dursu Madin Itiyoophiyaa fi sadarkaa sadaffaarra kan jiru magaalaan Bahaar Daar har’a nitaphatu.

Kilaboonni lamaan har’a guyyaa keessa sa’aatii 10tti dirree artifishaalaa Hawaasaatti nitaphatu.

Itiyoophiyaa Madin taphoota 25 amma ammaatti taphateen 16 mo’atee 3 mo’amee 6 ammoo qabxii qooddateera.

Goolii 34 galchee 10 itti galeera.Qabxii 54’n liigicha dursaa jira.

Morkataansaa Magaalaan Bahaar Daar taphoota 25 taphate keessaa 12 mo’atee 6 mo’amee 7 walqixa baheera.

Goolii 30 yoo galchu gooliin 14 itti galeera. Qabxii 43n sadaffaarra jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015