Akkaataa riifoormiin itti hojjetamu agarsiisa dhaabbataa kana ta’u warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaatti argineerra-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Akkaataa riifoormiin itti hojjetamu agarsiisa dhaabbataa kana ta’u warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaatti argineerra-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Caamsaa 01/2017(TOI)- Akkaataa riifoormiin itti hojjetamu agarsiisa dhaabbataa kana ta’u warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaatti argineerra jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Warshaa Shukkaaraa Wanjii daawwataniiru.
Ministirri muummee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin, warshaan Shukkaaraa Wanjii waggaa 70 har’aa ture bu’ura cimaarratti kan dhaabate,bara waliin yoo hintarkaanfanne dursuun qofti caaluu akka hintaane kaasaniiru.
Akkaataa riifoormiin itti hojjetamu agarsiisa dhaabbataa kana ta’u warshaa shukkaaraa Wanjii Shawaatti argineerra jechuun ibsaniiru.
Gurra dura an biqile gaafni boodarra dhufe dursuu nidanda’a kan jedhan ministirri muummee, duruu fi uumuudhaan bara yoo hindursine, yeroon mataansaa nama dursa jechuun kaasaniiru.
Warshaan Shukkaaraa Wanjii waggaa sadan har’aa hojjettootaaf mindhaa kaffaluu hindandeenye ture, idaa guddaan akka irra jirus dubbataniiru.
Riifoormii hojjetameen Shukkaara guyyaatti kuntaala 1500 oomishaa ture gara kuntaala 7000tti guddisuu eeraniiru.
Kana malees karameellaa Dastaa waggoota 14f dhaabatee ture deebi’ee oomishamaa akka jiru ibsaniiru.
Sagantaa Maaddii guutuutiin guyyaatti aannan liitiroo 3000 fi buuphaa kuma 20 oomishuuf hojii gargaaru raawwachuu eeranii, mooraansaa fi dirreensaa hawataa akka ta’e kaasaniiru.
Warshaa wanjii har’a bara qormaataa jalaa bahee baatii sagal keessatti galii birrii biiliyoona 8 tuqaa 7 argachuusaa eeraniiru.
Bu’aan riifoormii jabaan kun warshaalee biroo keessatti akka dabalamu ni’eegama. Yuu hojjenne guyyaa boruu nidursina jedhaniiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Bu’aan riifoormii jabaan kun warshaalee biroo keessatti akka dabalamu ni’eegama. Yuu hojjenne guyyaa boruu nidursina jedhaniiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.