Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee itti fufa-Ministeericha - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee itti fufa-Ministeericha

Caamsaa 01/2017(TOI)-Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuu fi damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee akka itti fufu Ministeerri banootaa ibse.
Siimpooziyeemiin qorannoo fi qu’annoo idil adunyaa 5ffaan Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taa’amaa jira.
Ministeera barnootaatti hojii raawwachiisaa dhimmoota akkaadaamikii Dr. Eebbaa Miijanaa, qorannoowwan dhaabbilee barnoota oaanoo rakkoo hawaasaa kan fura ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Dhaabbileen barnoota olaanoo dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf hojii hojjetamuuf gargaarsi taasisan jabaatee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Kaayyoon simpooziyeemii qorannaa kun akkaataa qabannaa fi dhabamsiisa balfa waraqaa fi pilaastikaa akkasumas akkaataa qabannaa hambaa qonnaa fi Industirii, deebisanii fayyadamuu fi qabeenyatti jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.
Itti aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamikii yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa Dr. Tashoomaa Abdoo, Yuunivarsiitichi humna namaa saayinsii fi teeknooloojiin ga’oome horachuun alatti qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan taasisaa jira jedhaniiru.
Saayinsii Hawaan, Faarmaasiyutikaal, teeknooloojii Diroonii fi Awutomootivii dabalatee jiddugala ga’oomaa shan hojii qorannoo guutuuttu galchuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Yuunivarsiitiiwwan biyya keessaa, Kooriyaa Kibbaa, Hindii fi Yuunivarsiitiiwwan fi dhaabbilee qorannoo Awusiraaliyaa garagaraa irraa siimpooziyeemii qorannaarratti argamaniiru.