Naannichatti dureeyyiin Invastimentii Qonnaa irratti bobba’an Omisha isaanii gara Alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti dureeyyiin Invastimentii Qonnaa irratti bobba’an Omisha isaanii gara Alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiru

Caamsaa 01/2017 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti dureeyyiin invastimentii Qonnaa irratti bobba’ani Omisha isaanii alaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu Komishiniin Investimentii Naannichaa beeksise .
Komishinarri komishinii Invastimentii Naannichaa Anchiin Aaluu Asaffaa TOI’f akka ibsanitti Naannichatti dureeyyiin 103 Invastimentii Qonnarratti bobba’aniiru.
Isaan keessaa 23 lafa qonnaa hektaara bal’aa irratti omishaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichatti Omishawwan Alatti ergaman keessaa Abaaboo fi mi’eessituuwwan ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiiwwan Invastimenetii Alatti ergaman kan biroon muduraa fi kuduraa, lukkuu, killee alatti erguuf qophii taassisuu isaanii ibsaniiru.
Itti gaafataman Babal’insa Invastimentii Magaalaa Hawaasaa obbo Abarraa Lelamoo gama isaaniin dureeyyiin 53 Invastimentii Qonnaa irratti bobba’uun carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa kun Omisha gahaa gabaaf dhiheessuun tasgabbii gabaa uumaa jirachuu ibsaniiru.
Bulchiinsi Humna namaa dhaabbata kilaaver filaawer Obbo Fu’aad Sheek lafa hektaara 100 irratti Abaaboo misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.
Misooma abaaboo gara biyyoota Awurooppaa fi biyyoota baha gidduu galeessaatti erguun sharafa alaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, waggaa darbe yuuroo miiliyeena 7 sharafa alaa argamsiisu beeksisaniiru.
Dhaabbatichaan carraa hojii kan argatan obbo Habtaamuu degeloo fi aadde selamawwit gebri’eel carraa hojii uumameefiin maatii isaanii bulfachaa jiraachuu ibsaniiru.