Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa qaba-ambaasaaddar Iivgenii Terekhiin

Caamsaa 01/2017(TOI)- Dhaabbileen daldala Ruusiyaa zoonii dinagdee addaa Itiyoophiyaa keessatti hojjechuunsaanii tumsa dinagdee gamlameef faayidaa guddaa akka qabu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin ibsan.

Kaampaanonni Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaa hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgenii Terekhiin TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin,Itiyoophiyaan midensa BRICS ta’uunshee misooma dinagdee fi tumsa idil addunyaaf akka gargaaru ibsaniiru.

Faayidaa dinagdee alattis shoora seena qabeessa Itiyoophiyaan hariiroo idil addunyaa keessatti qabdu caalaatti kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Dureeyyiin Ruusiyaa dandeettii gabaa Itiyoophiyaan qabdu hubachuun Inarjii, teeknooloojii odeeffannoo fi dameewwn qonnaarratti hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Yeroo dhihootti akka dhugoomus mirkaneessaniiru.

Hariiroon dinagdee Ruusiyaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru caalaatti cimaa dhufuu ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Tumsi dinagdee biyyoota lamaan jidduu jiru cimee itti fufuu ibsanii, baatii 10 jalqabaa bara 2024tti jijjiirraan daldalaa biyyoota lamaan jidduu jiru harka 40 dabaluu dubbataniiru.

Ruusiyaa fi Itiyoophiyaan atomootivii oomishuu, misooma Inarjii meeshaalee elektirooniksii, oomishaalee keemikaalaa, nyaata qiqindeessuu, faarmaasiiyutikal fi dijitaal teeknooloojii dabalatee damee addaddaan waliin hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015