Godinichatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamaniiru-waajjiricha - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamaniiru-waajjiricha

Caamsaa 01/2017(TOI)- Godina Boorana Bahaatti beelladoonni kuma 90 caalan talaalamuu waajjirri misooma horsiisee bulaa beeksise.
Waajjirichatti ogeessi fayyaa beelladaa obbo Bonayyaa Areeroo TOI’tti akka himanitti, dhukkuba beelladaa sababa rooba arfaasaan mudachuu danda’u duruun qolachuuf talaalliin kennamaa jira.
Talaalliin kennamu dhukkuba gogaaa fi qeensa beelladaa madeessu, abbaa Sangaa, abbaa Gorbaa, michii sombaa fi dhukkuboota beelladaa kan biroo dursuun qolachuuf akka gargaaru eeraniiru.
Duula talaallii kanaan loon gaanfaa dabalatee hoolaa fi re’een kuma 400f akka talaalaman ibsaniiru.
Talaallii kanaaf ogeeyyonni fayyaa fi deeggartoonni 600 caalan hojiirra jiraachuu dubbataniiru.
Torbee lamaan dhufanitti talaallii kana waliin gahuuf hojjetamaa akka jiru odeeffannoon waajjiricharraa argme ni’eera.