Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaadha-Ministeericha

Caamsaa 01/2017(TOI)- Itiyoophiyaan waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaarraa akka fayyadamtu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu Ministeerri daldalaa fi walitti hidhata riijinii beeksise.

Itiyoophiyaan waliii galtee riijinii daldla bilisaa Ardii Afriikaa dhihenyatti hojiirra oolchuuf qophii xumuruunshee ibsameera.

De’eetaan ministira daldalaa fi walitti hidhata riijinii Yasmiin Wahabrabii TOI’tti akka himanitti, waliigaltichi walabummaa dinagdee Afriikaa si’achiisuun, badhaadhina waloo dhugoomsuu fi walitti makama dinagdee riijinii cimaa uumuuf nidandeessisa.

Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee asitti hojiirra oolmaasaaf qophii ga’aa taasisuushee dubbataniiru.

Manni maree ministirootaa fooyyessa taarifaa dhiheenya raggaase dabalatee koreen qindeessa biyyaalessaa hundaa’ee hojiitti galuusaa kaasaniiru.

Oomishtummaan qonnaa fi Industirii oomishaan mul’achaa jiru caalaatti akka jabaatu hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

A.L.A bara 2010 biyyoonni Afriikaa yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa Ruwaandaa Kiigaaliitti taa’an irratti waliigaltee qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa mallatteessaniiru.

Itiyoophiyaan waliigalticha erga mallatteessitee eegalee qophii taasisaa turteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015