Hoggansi Naannichaa Sadarkaan jiran Qormaatilee yeroo yerootti isa mudatu darbuun Ijaarsa biyyaa fooyya’aaf qophaa’uu qaba-Obbo Xilahun Kabbadaa - ENA Afaan Oromoo
Hoggansi Naannichaa Sadarkaan jiran Qormaatilee yeroo yerootti isa mudatu darbuun Ijaarsa biyyaa fooyya’aaf qophaa’uu qaba-Obbo Xilahun Kabbadaa
Caamsaa 01/2017 (TOI)-Hoggansi sadarkaan jiru qormaata yeroo yerootti isa mudatu Injifannoon darbuun ijaarsa biyyaa fooyya’aaf qophaa’uu qaba jechuun bulchaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa ibsan.
Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mata duree ‘’yeroo bara giddu galeessaa hubachuu” jedhuun waltajjiin maree hoggansa olaanoo sadarkaa naannootti Magaalaa Walaayittaa Sooddotti gaggeeffamaa jira.
Saganticha irratti kan argaman obbo Xilahun nageenya naanichaa eegsisuu fi hojii misoomaa naannichaa itti fufsiisuuf tattaaffii taassifamu keessatti gaheen hoggansaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Imalli jijiiramichaa Qormaatilee hedduu injifachuun milkaa’inaan marfamee ittifufuu kaasuun hoggansi naannoo sadarkaan jiru qormaatilee isa mudatan injifannoon darbuun ijaarsa biyya fooyya’aaf qophaa’uu qaba jechuun xiyyeeffannoo kennaniiru.
Jijjiiramichi gama hundaan milkaa’ina fiduun galmaa’an itti fufsiisuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gahumsa hoggansaa, kutannoo fi miira tajaajiltummaa hawaasaa yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.