Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa haaraa fi kan jiran fooyyeessuun  jabaatee itti fufee jira- Abbaa taayitaa sivil Aviyeehinii  Itiyoophiyaa

Caamsaa 01/2017 (TOI)-Tajaajila geejiba qilleensaa  biyya keessaa guddisuuf ijaarsi buufata xiyyaaraa haaraan, kan duraan jiran fooyyessuu fi babal’isuun hojjetamaa jiraachuu daarektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeehinii Itiyoophiyaa Geetaachoo Mangistee ibsan.

 Daarektarri olaanaan kun TOI’f yaada kennaniin, Ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa Geejiba qilleensaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti buufanni Xiyyaara 23 Tajaajila Idilee kennaa jiraachuu ibsuun, buufanni xiyyaaraa xiqqaan  22 Abbaa Taayitichaan beekamtii argatanii  tajaajila kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Buufanni  xiyyaaraa  5n Mootummaa federaalaan Ijaaraamaa jiraachuu ibsuun,  kan duraan jiran fooyyeffamaa fi hojiin babal’isuu hojjetamaa jira jedhaniiru.

 Itiyoophiyaan bal’ina lafaa qabduu fi guddina dinagdee akkasumas fedhii Geejibaa  jiru waliin gahaa waan hin taaneef  tajaajila Geejiba Qilleensaa biyya keessaa jabeessuuf hojjetamaa  jiraachuu ibsaniiru.

Abbaan Taayitaa sivil Aviyeehinii Itiyoophiyaa Mootummaa Federaalaa  dabalatee  Naannoolee, Abbootii Qabeenyaa, Bulchiinsa Magaalotaa Buufata xiyyaaraa akka ijaaraniif  qajeelfama baasuu ibsaniiru. 

Bu’uuruma Kanaan buufata xiyyaaraa haaraa xixiqqaa 32 ijaaruuf gaaffiin dhihaachuu kaasuun abbaan taayitichaa bakkicha adda basuun ijaarsa kan eegalanii fi qorannoorra kan jiran  jiraachuu ibseera.

Bakkeewwan  hawwata  tuurizimii, bakka Albuudonni Jiranii fi bakkeewwan Omishni  Qonnaa Salphaatti Miidhamuu danda’anitti, akka ijaaraman fi karoorri misooma Erpoortotaa biyyoolessaa qophaa’aa  jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015