Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomse

Ebla 30/2017(TOI)-Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa akaakuu fi qaqqabamaa ta’uun adda ta’e “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomseera.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu, hooggantoonni olaanoo kaampaanichaa keessummoonni waamaman bakka argamanitti galambaa Saayinsiitti sagantaa sirni jalqabsiisaa adeemsifameera.

Hojii raawwachiiftuun olaantuu kun wayita kana akka jedhanitti, gijitaal pilaatfoormiin “Zaman Gabayaa” har’a ifoome sirna bittaa fi gurgurtaa dijitaalaa ama ammaatti jiru gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha.

 Warri gabaa barbaadan qaamaan argamuun osoo hinbarbaachisiin karaa onlaayinii kan fayyadamanii fi baasii hinmalle kan hanbisu ta’uu dabaluun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015