Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaan akka xumuraman misisteerichi deeggarsaa fi  hordoffii cimsuu qaba-Koree dhaabbataa

Ebla 30/2017(TOI)- Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaa fi qulqullinaan akka xumuraman misisteerri Aadaa fi Ispoortii deeggarsaa fi hordoffii cimsuu akka qabu mana maree bakka bu’oota ummataatti Koree dhaabbataa fayyaa, misooma hawaasaa fi aadaa fi Ispoortii hubachiise,

Koreen dhaabbataa kun raawwii karoora bara 2017 kan baatii sagalii bakka hojjettoonni sektarichaa argamanitti qorateera.

Ministirri aadaa fi ispoortii Sahwiit Shaankaa raawwii baatii sagalii ilaalchisuun miseensota koree dhaabbatichaaf ibsa kennaniiru.

Ibsa kennaniin damee Ispoortii, aartii fi hojii harkan hojiin bu’a qabeessi hojjetameera.

 

Ijaarsi Istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee sababa addaddaan addaan citee ture deebi’ee jalqabuu ibsaniiru.

Walitti qabduun koree dhaabbataa fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi Ispoortii Warqisammuu maammoo gmasaaniin hojiin ministeerichi baatii sagal keessatti raawwate kan jajjabeeffamudha jedhanaiiru.

Hojii dirree Ispoortii babal’isuuf hojjetamaa jiran dinqisiifatanii, ijaarsi istaadiyeemii Adayi Ababaa fi haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee hatattamaa fi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman ministeerichi xiyyeeffatee akka hojjetu hubachiisaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

#Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015