Agarsiifni daldalaa fi baazaarii torbee lamaaf turu magaalaa Ambootti baname - ENA Afaan Oromoo
Agarsiifni daldalaa fi baazaarii torbee lamaaf turu magaalaa Ambootti baname

Ebla 30/2017(TOI)- Agarsiifni daldalaa fi baazaarii torbee lamaaf turu naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti baname
Hoogganaan itti aanaa mana maree daldalaa fi waldaalee damee Oromiyaa obbo Magarsaa Raggaasaa fi kantiibaa bulchiinsa magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuutu bane.
Hoogganaan itti aanaa mana maree daldalaa fi waldaalee damee Oromiyaa obbo Magarsaa Raggaasaa sirna baniinsaarratti akka jedhanitti, dhaabbileen 80 caalan agarsiisa daldalaa fi Baazaaricharratti nihirmaatu.
Agarsiiiifnia daldalaa fi Baazaarii kun torbee lamaaf kan turu dubbataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu gamasaaniin, agarsiifni daldalaa fi baazaarichi misooma magaalattii fi naannawashee beeksisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.
Hoogganaan waajjira daldalaa magaalaa Amboo obbo Gammadaa Itichaa, bu’aalee warshaa, hojiileen mukaa, uffannaan, meeshaaleen elektirooniksii fi manaa dabalatee oomishaaleen garagaraa gatii madaalawaan gurgurtaaf nidhihaatu.